Naannoo Beenishaanguul Guumuzitti bu’aan yeroo filannoo irra deebii fi haftee filannoo marsaa 6ffaa ifoomaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2016 (FBC) – Naannoo Beenishaanguul Guumuzitti bu’aan yeroo filannoo irra deebii fi haftee filannoo marsaa 6ffaa guyyaa keessaa gaggeeffame ifoomaa jira.

Haaluma kanaan naannoon filannoo naannichaa bu’aa yeroo filannichaa ifoomsaa jira.

Buufataalee 33 filannoon itti gaggeeffame keessaa bu’aan yeroo buufataalee 32 ifoomaniiru jedhame.

Gama biroon akkaataa eeyyama Boordii Filannoo biyyaaleessaan buufata filannoo Ankaash Burjiitti adeemsi filannoo har’a sa’aatii 12:00 eegalee itti fufeera.

Adeemsi filannichaa bilisaa fi diimokiraatawaa ta’uu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment