Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti sagantaan Tajaajila Tola Ooltummaa Gannaa eegalame

Finfinnee, Caamsaa 20, 2016 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Beenishaanguul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan sagantaa Tajaajila Tola Ooltummaa Gannaa eegalchiisaniiru.

Magaalaa Asoosaatti qofa manneen harka qalleeyyii 10 ijaaruuf har’a sagantaan Tajaajila Hojii Tola Ooltummaa sadarkaa naannichaatti eegalameera.

Sagantaa kanaan dargaggoota kuma 70 olii fi kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmaachisuun gosoota hojii 13 ol raawwachuuf karoorfamuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment