Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti hidhattoonni hidhannoo hiikkachuun leenjii haaromsaa fudhataa turan 680 eebbifaman

Finfinnee, Adoolessa 30, 2015 (FBC) –  Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti hidhattoonni sosochii Warraaksa Diimookiraasii Ummata Gumuz gara jireenya idileetti deebi’uun leenjii haaromsaa leenji’aa turan 680 eebbifamaniiru.

Hidhattoota kanneeniif meeshaaleen Albuuda misoomsuuf gargaaruu Birrii miiliyoona 45 olitti tilmaamamu laatameefira.

Hidhattoonni kunneen deeggarsa argatan fayyadamuun ofii  fi biyya isaanii jijjiiruuf hojjechuu akka qaban Pireezidaantiin naannichaa Obbo Ashaadilii Hasan hubachiisaniiru.

Mootummaa naannichaa nageenyaa fi Misoomaaf xiyyeeffannoo addaa laatee hojjetaa jiraachuu Obbo Ashaadiliin ibsaniiru.

Nageenya argame itti fufsiisuu fi jireenya hawaasaa jijjiiruuf deeggarsi eegalame cimee kan itti fufu ta’uu eeruu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment