Naannoo Beenishaangul Gumuzitti Sagantaan Ashaaraa Magariisaa marsaa 4ffaan eegale

Finfinnee, Waxabajjii 30,2014 (FBC)- Naannoo Beenishaangul Gumuzitti Sagantaan Ashaaraa Magariisaa marsaa 4ffaan ifatti eegaleera.

Preezdaantiin naannichaa Obbo Ashaadilii Hasan saganticha guyyaa har’aa ifatti eegalchiisaniiru.

Saganticharratti obbo Ashaadilii Hasan dabalatee hoggantoonni Olaanoon naannicha biqiltuu dhaabuun ashaaraasaanii kaa’aniiru.

Naannichatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa marsaa 4ffaaf biqiltuun miiliyoonni 45 qophaa’uu obbo Ashaadiliin dubbataniiru.

Biqiltuu dhaabuun kunuunsa naannoorra darbee diinagdeef faayidaa olaanaa qabaachuu eeruun, nageenya mirkaneessuun cinaatti biqiltuu dhaabuurratti hundi akka hirmaatu dhaamaniiru.

Biqiltuuwwan waggoottan darban dhaabaman bu’aa argamsiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane kunuunsa isaarrattis hojjetamuu akka qabu ibsuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment