Naannoo Amaaratti hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu eegalame yeroo gabaabaa keessatti xumuruun naannicha gara sochii idileetti deebisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera

Finfinnee, Adoolessa 30, 2015 (FBC) – Naannoo Amaaraatti hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu eegalame yeroo gabaabaa keessatti xumuruun naannicha gara sochii idileetti deebisuuf hojjetamaa jiraachuu Ajajni Qajeelcha Waliigalaa Labsii Yeroo Ariifachiisaa beeksise.

Ajajichi karoora raawwii rakkoo naannicha mudate hiikuuf qophaa’e ilaalchisee qooda fudhattoota waliin mari’ateera.

Gareen saamtootaa naannichatti rakkoo hawaas diingadee fi bulchiinsaa qaqqabsiisuu walitti qabaan ajajichaa Tamasgeen Xiruneen ibsaniiru.

Gareen kun dhaabbileen tajaajilaa tajaajila akka hin laanne gufachiisurra darbee iddoolee tokko tokkotti manneen amala sirreessaa cabsuun yakkamtoonni akka miliqan taasiisuun hojii kashalabbummaa raawwachuu eeraniiru.

Lammiileen bilisummaan socho’uun tajaajila akka hin arganne taasiisuu isaanii ibsaniiru.

Labsii yeroo ariifachiisaa kanaan rakkoo nageenyaa naannicha mudate qolachuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Mootummaan hojii seera kabachiisuu eegale cimsee kan itti fufu ta’uu eeraniiru.

Hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu eegalame yeroo gabaabaa keessatti xumuruun naannicha gara sochii idileetti deebisuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Hawaasni Raayyaa Ittisaa cinaa akka dhaabatu waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment