Naannoo Amaaratti Guyyaa tokkotti duulli biqiltuu miiliyoona 260 dhaabuu eegalameera.

Finfinnee, Adoolessa 10, 2015 (FBC)-Sadarkaa biyyaalessaatti qaama guyyaa tokotti biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuu kan ta’ee duullii biqiltuu har’aa ganamaan dhaabuu naannoo amaaraa bakkaa hundaatti eegalameera.

Duulli kunis guyyicha guutuu kan gaggeeffamu ta’uun eeramaeera.
Hanga galgalaa sa’aatii 12:00’tti sagantaa biqiltuu dhaabuu kanaan biqiltuuwwan miiliyoona 260 kan dhaabamu ta’uun eerameera.

Biqiltuun kunis lafa hektaara kuma 26 irra kan dhaabamuu fi hawaasni miiliyoona 5 akka hirmaatan eerameera.

Sagantichi hanga fulbaana 2016’tti kan itti fufu ta’uu eeruun kanaanis biqiltuuwwan biiliyoona 1.6 dhaabuuf karoorfamera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment