Naannoo Amaaratti dhaabbileen mootummaa hundi tajaajila idilee laachuu eegalan

Finfinnee, Muddee 20, 2014 (FBC) – Naannoo Amaaratti dhaabbileen mootummaa sababa waraanaan hojii dhaabanii turan hundi tajaajila idilee laachuu eegaluu Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannichaa beeksiise.
Murtoo Mana Maree naannichaa dhaabbilee duula birmadummaa waliin kallattiin hariiroo qabaniin ala dhaabbileen mootummaan hundi tajaajila idilee dhaabuun duula birmadummaa akka deeggaraa turuu hogganaan biirichaa obbi Gizaachow Mulunehi ibsaniiru.
Yeroo iddoolee garee shororkeessaa jalaa bilisoomaan hundatti dhaabbileen mootummaa hundi tajaajila akka laachuu akka eegalan taasiifamuu ibsaniiru.
Hojii fi sosochiin diinagdee akka hinmiidhamneef murtoo yaada keessa galche ta’uu kaasaniiru.
Dhaabbileen mootummaa fi hojjettoonni mootummaa hojii idilee isaaniin cinaatti duula birmadummaa deeggaruu akka itti fufan murtaa’uu DhPI gabaaseera.
Hojjettoonni mootummaa hojii bulchiinsa gaarii, damee diingadee fi hawaasummaa naannicha jijjiiruu danda’u abbummaa, aantummaa fi miiraan hojjechuu akka qaban obbo Gizaachow hubachiisaniiru.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment