Naannoo Amaaraatti talaalliin ittisa dhibee Kooleera kennamuu eegale

Finfinnee, Fulbaana 5, 2016 (FBC) – Naannoo Amaaraatti taalalliin ittisa dhibee Kooleeraa kennamuu eegaluu Inistiiyuutiin Fayyaa Hawaasaa Naannicha beeksise.

Daayrektarri Olaanaan Inistiityuuticha Balaay Bazzaabii ibsa kennaniin, naannichatti weerarri dhibichaa Aanaa Qu’aaratti Adoolessaa 7, 2015 mudachuu ibsaniiru.

Haaluma kanaan dhibichi aanaalee naannicha 28’tti mudachuu eeruu ragaan Biiroo Kominiikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Guyyaa har’aas talaalliin ittisa dhibee kooleera daa’immaan waggaa tokko ol ta’aaniif keellawwan Fayyaa filatamanitti kan kennamuu eegaluu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment