Naannoo Amaaraatti sosochiin sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuu gaggeeffame

Finfinnee, Adoolessa 8, 2015 (FBC)- Naannoo Amaaraatti waltajjiin sosochii hawaasaa sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuu Magaalaa Baahirdaaritti gaggeeffame.

Waltajjicharratti Pireezidaantiin Naannichaa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaan, naannichatti kan argaman manneen barnootaa sadarkaa hojii baruuf barsiisuuf madaalaan %17 akka hincaallee himaniiru.

Kanneen sadarkaa isaanii gadi ta’an fooyyessuuf ummanni, abbootiin qabeenyaa fi dhaabbileen miti mootummaa, mootumma cinaa dhaabbachuun hirmaachuu akka qaban hubachiisaniiru.

Dhaloota itti gaafatama ummataa bahatu uumuuf gaheen barsiisotaa olaanaa ta’uus ibsaniiru.

Mootummaan naannichaas sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuu fi qulqullina barnootaaf xiyyeeffannaa olaanaan mirkaneessuuf hojjechaa jirachuu miidiyaan naannichaa gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment