Naannoo Amaaraatti proojaktoonni misooma jallisii Birrii miiliyoona dhibba 4 oliin ijaarramuufi

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC) – Naannoo Amaaraatti proojaktoonni misooma jallasii haaraan 200 Birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 21n ijaarramuuf akka ta’e Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.

Naannichatti bara 2010 irraa eegalee proojaktoota misooma jallisii bulan 118 keessaa 89 hanga Gurraandhala 30, 2012tti ni xumuramu jedhameera.

Proojaktoonni kunneen yeroo hojii eegalanitti lafa hektaara kuma dhibba 2 fi kuma 19 fi 274 misoomsuu danda’u jedhameet eegama.

Bara kana dabalataan proojaktoonni misooma jallisii ammayyaa haaraan 200 kan hojjetaman ta’uu ogeessi misooma jallisii biirichaa obbo Hayiluu Ingidaayyahu dubbataniiru.

Proojaktoota bulanii fi haaraan bara kana jalqabaman yeroo kaa’ameef keessatti akka xumuramaaniif hojjetamaa jiraachuu ragaan biirichaa argame ni muul’isa.

Naannichatti proojaktoonni 29 ta’an xumuramuun tajaajila eegalaniiru.

 

Comments (0)
Add Comment