Naannoo Amaaraatti namoonni miiliyoonni 11.6 deeggarsa yeroo ariifachiisaa kan barbaadan ta’uu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 9, 2014 (FBC) – Naannoo Amaaraatti sababa walitti bu’iinsaan namoonni miiliyoonni 11.6 deeggarsa yeroo ariifachiisaa kan barbaadan ta’uu Komishiniin Hoggansa Ittisa Balaa fi Wabii Midhaan Nyaataa beeksiise.

Sababa weerara garee shororkeessaa ABUT naannoo Amaaraatti gaggeesseen,akkasumas naannoo Oromiyaa fi Beenishaanguul Gumuz keessaa buqqa’an dabalatee lammiileen naannichaa miiliyoonni 11.6 deeggarsa yeroo ariifachiisaa kan barbaadan ta’uu komishinichi ibseera.

Lammiilee kanneeniif Mootummaan Federaalaa, Naannoo Amaaraa, Diyaaspooraawwan, dhaabbileen amantaa fi dhaabbilee deeggarsaa deeggarsa walirraa hin cinne taasiisaa jiraachuu ibseera.

Lammiileen sababa weerara garee shororkeessaa ABUTtiin qa’ee fi qabeenya isaaniirra buqqa’an hedduun gara qa’ee isaaniitti deebi’uu itti aantuun Komishinii naannichaa aadde Itaaganyahu Addama dubbataniiru.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment