Naannoo Amaaraatti Manneen Barnootaa sababa walitti bu’iinsaan barbadaa’an hojiin deebisanii ijaaruu eegalame

Finfinnee, Adoolessa 14, 2014 (FBC) – Naannoo Amaaraatti Manneen Barnootaa kuma 1 ol sababa walitti bu’iinsaa barbadaa’an hojiin deebisanii ijaaruu har’a magaalaa Dasseetti eegaleera.
Sagantaan eegalchiisa deebisanii ijaaruu kun bakka Pireezidaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa, Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Birihaanuu Naggaa fi hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannolee argamanitti eegaleera.
Manneen Barnootaa barbadaa’aan keessaa 170 Ministeera Barnootaan kan ijaarraman ta’uu ibsameera.
Naannoo Amaaraatti sababa walitti bu’iinsaan dhaabbilee barnootarra miidhaan Birrii biiliyoona 5 olitti tilmaamamu ga’uu ibsameera.
Isheetuu Waldamikaa’eeltu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment