Naannoo Amaaraatti lammiilee miidhamaniif deeggarsa dhiyeessuuf ni hojjetama – Dooktar Kaatiriin Suuzii

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2014 (FBC) –Naannoo Amaaraatti lammiilee miidhamaniif deeggarsa dhiyeessuuf kan hojjetamu ta’uu Ityoophiyaatti Daayreektarri deeggarsa namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Dooktar Kaatiriin Suuzii ibsaniiru.

Weerara gareen shororkeessaa ABUT naannoo Amaaraatti gaggeesseen lammiileen hedduun qa’ee fi Qabeenya isaanirraa buqqa’aniiru.

Lammiilee kanneen deebisaanii dhaabuu fi deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf mootummaan federaalaa fi naannoo Amaaraa dhaabbilee deeggartootaa idil addunyaaf irra deddeebiin waamicha taasiisaa turuu ibsameera.

Preezdaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaan Ityoophiyaatti jila daayreektera qindeessaa deeggarsa namoomaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii Dooktar Kaatiriin Suusiin durfamu waliin mari’ataniiru.

Yeroo itti aanu mootummaa Federaalaa fi naannoo waliin walitti dhiyeenyaan lammiilee miidhamaniif deeggarsa dhiyeessuuf kan hojjetamu ta’uu Dooktar Kaatiriin ibsuu isaanii AMCn gabaaseera.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment