Naannoo Amaaraatti humnootiin badii raawwachuuf socho’aa turan 85 to’ataman- obbo Tamasgen

Finfinnee, Adoolessa 16, 2012 (FBC) – Naannoo Amaaraatti humnootiin badii raawwachuuf socho’aa turan to’atamuu preezdaantiin naannichaa obbo Tamasgeen Xiruunah beeksisan.
 
Humnootiin badii raawwachuuf naannicha seenan 85 to’atamuu obbo Tamasgeen ibsaniiru.
 
Humnootiin kanneen badii fi walitti bu’iinsa uumuuf socho’aa turuu eeraniiru.
 
Humnootiin kanneen namoota beekamoo fi hoggansa olaanoo ajjeesuu, iddoolee amantaa fi seena qabeessarratti miidhaa qaqqabsiisuuf socho’aa turaniiru jedhan.
 
Obbo Tamasgeen humnootiin kanneen Adda Bilisummaa Ummata Tigraayin kan deeggaramanii fi kaayyon isaaniis taayitaatti deebi’uu akka ta’e eeran.
 
Proojaktoonni misoomaa addaddaa Goondar Jiddugalaa fi Kaabaatti aanaalee lamatti Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 40 oliin hojjetaman ebbifamaniiru.
 
Magaalaa Baahir Daarittis proojaktoonni addaddaa Birrii miiliyoona dhibba 7 fi miiliyoona 60 hojjetaman 57 ebbifamaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment