Naannoo Amaaraatti Aduu tokkotti biqiltuu miiliyoona 260 dhaabuuf haal dureen xumurame

Finfinnee, Adoolessa 5, 2015 (FBC) – Naannoo Amaaraatti Adoolessa 10, 2015 Aduu tokkotti biqiltuu miiliyoona 260 dhaabuuf haal dureen xumuramuu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise.

Guyyaa kana biqiltuu miilyoona 260 duulaan dhaabuuf qophiin barbaachisu xumuramaa jiraachuu Biirichi beeksiseera.

Sagantichaaf lafti hektaarri kumni 26 ol qophaa’uu Itti Aantuu Hoggantuun Biiroo Qonnaa naannichaa Dooktar Almaaz Gizeew ibsaniiru.

Guyyaa kana hawaasni miilyoonni 5 ol saganticharratti kan hirmaatan ta’uu eeraniiru.

Bara kana naannichatti biqiltuun biiliyoonni 1.65 sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaaf qophaa’uu ragaan Biiroo Qonnaa naannoo Amaaraarraa argame ni mul’isa.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment