Naannoo Amaaraa Godinaalee 4 keessatti dhibeen Pooliyoo muul’ate

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2014 (FBC) – Naannoo Amaaraa Godinaalee 4 keessatti dhibeen Laamshessaa daa’immanii muul’achuu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa naannichaa beeksiise.
Dhibichi Godina Kaaba Walloo, Kibba Walloo, Lixa Goojjamii fi Godina addaa Saba Oromootti muul’achuu Daayreektarri Olaanaan Inistiityuutichaa obbo Balaay Bazzabihi ibsaniiru.
Talaalliin Ittisa dhibee Pooliyoo Onkololeessa 12-15,2014tti kan laatamu ta’uu obbo Balaay eeraniiru.
Yaa ta’uutii sababa weerara garee shororkeessaa ABUTtiin iddoolee tokko tokkotti talaalichi kan hin laatamne ta’uu kaasaniiru.
Duula talaallii marsaa 2ffaan daa’immaan qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uun iddoo tursaa keessa jiraniif kan laatamu ta’uu himaniiru.
Miidhaan qaamaa sababa dhibee Pooliyoon daa’immanirra ga’uu daraan hammataa ta’uu isaan, daa’immani talaallii kan argachuun dirqama ta’uu qindeessaan Talaallii Biiroo Eeggumsa Fayyaa naannoo Amaaraa obbo Warqinaa Maammoo ibsaniiru.
Talaallichi Manneen Barnootaa, dhaabbilee amantaa fi daa’immaan iddoo tursaa keessatti argamaniif boruu eegalee kan kennamu akka ta’e eeruu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment