Naannoo Affaaritti lammiilee qe’ee fi qabeenyasaaniirraa buqqa’aniif deeggarsi Birrii miiliyoona 100 taasifame

Finfinnee, Gurraandhala 23, 2014 (FBC) – Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa naannoo Affaaritti lammiilee garee shororkeessa ABUTiin qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’aniif  deeggarsa maallaqaa Birrii miiliyoona 100 fi dhaabbilee miidhamaniif deeggarsa meeshaalee garaagaraa taasifame.

Ministeerichi deeggarsa maallaqaan alatti konkolaataawwan Piik Aappii fi konkolaataa balfa goggogaa kaasu akkasumas kompiitarootaa fi meeshaalee biiroo garaagaraa taasisuu ibsameera.

Deeggarsicha Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii Preezdaantii naannichaa obbo Awwal Aarbaatti dabarsanii kennaniiru.

Maddi:- TOI

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment