Naannoo Affaaritti Birriin seeraan ala daddabarfamaa ture miiliyoonni 13 ol to’atame

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2014 (FBC) – Naannoo Affaar godina godina Awusaatti Birriin seeraan ala daddabarfamaa ture miiliyoonni 13 ol to’atamuu ibsameera.

Naannichatti buufata sakattoo aanaalee Koorii fi Cifraatti taasifameen Birriin miiliyoonni 13 fi  kuma 53 fi 490 to’atamuu Ajajaan Qajeelcha Poolisii godina Awusaa gargaaraan Komishinaraa Ahaadoo Mahaammad ibsaniiru.

Baatiiwwan sadii keessatti ashaboon seeraan ala daddabarfamaa ture kuntaalli 216fi beenzilli jaarkaanii abbaa liitira 25,saddettamni to’atamuu ibsuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Bifuma walfakkaatuun Naafxaa baarmeelli 24 fi sukkaarri kuntaalli 50 to’atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment