Naannoo Affaar aanaa Cifiraa namoonni lama meeshaa waraanaa dhoksan poolisiin too’ataman

Finfinnee, Onkolooleessa 1, 2013 (FBC) – Naannoo Affaar aanaa Cifiraa namoonni lama meeshaa waraanaa dhoksan poolisiin too’ataman.

Ajajan poolisii aanaa Cifiraa Inispektara Olaanaa Abdallaa Humad TOItti akka ibsanitti sakkata’insa taasaa taasifameen too’atamuu danda’eera.

Meeshaan waraana mana namoota kana keessatti too’atame kilaash koovii 4 fi shugguxiin 4 argamuu himaniiru.

Dabalataan rasaasa matirayaasii kuma 2 fi 289 fi kilash koovii 112 akkasumas kaartaa kilaashi duwwaa 50 fi boombii harkaa 2 too’atamuu eeraniiru.

Shakkamtoonni kunneen too’annoo seeraa jala ooluu qoratamaa jiraachuu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

Comments (0)
Add Comment