Ijaarsi tarminaala konkolaattota daangaa qaxxaamuranii eegalame

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2012 (FBC) –Ijaarsi tarminaala konkolaattota daangaa qaxxaamuranii naannoo Afaar aanaa Eliida’aar magaalaa Diich’ootootti eegalame.

Ijaarsi tarminaalichaa Birrii miiliyoona 200 hojjetama.

Ijaarsicha kan eegalchiisan ministirri Geejibaa aadde Daagmaawiit Moogas hojichi weerara vaayrasii koroonaa ittisuu dandeessisa jedhan.

Konkolaachistootaa fi maatiin isaanii akkasumas, hawaasni vaayrasichaaf akka hin saaxilamne tumsa ni taasisa jedhan.

Guyyaatti konkolaattota kuma 1 ol keessummeessuu kan danda’u yammuu ta’u, baatii tokko keessatti xumuramuun tajaajila ni laata jedhameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment