Naannoo Afaaritti weerarri awwaannisaa irra deebiin muldhate

Finfinnee, Amajjii 12, 2013 (FBC ) – Naannoo Afaaritti weerarri awwaannisaa irra deebiin muldhate.
Naannoo Afaaritti weerarri awwaannisaa irra deebiin muldhachuu Biiroon Qonnaa fi Misooma Qabeenya uumaamaa naannichaa beeksiseera.
Biirichatti Qindeessan Koree Ittisa Awwaanisa Gammoojjii Dooktara Ayyaalaw Shuumat akka ibsanitti naannichaatti aanoota Afamboo, Duubtii fi Aysaa’itaa hoomaan awwaannisaa irra deebiin mul’ateera.
Hoomaan awwaannisaaa kun ka’umsa isaa Jibuutii fi Somaalee kan taasifate aanoota biroottis babbal’achaa jiraachuu himaniiru.
Aanaa Miillee, Cifraa, Guliinaa fi Teeruu hoomaan awwaanniisaa kan babbal’atan ta’uus eeraniiru.
Wayita ammaa weerara awwaannisaa ittisuuf hojiin hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment