Naannoo Afaaritti talaalliin ittisa vaayrasii koroonaa marsaa 2ffaan eegalame

Finfinnee,Gurraandhala 9, 2014 (FBC) – Naannoo Afaaritti talaalliin ittisa vaayrasii koroonaa marsaa 2ffaan sadarkaa naannootti eegalame.
Walakkaa waggaa bara darberraa eegalee talaalliin ittisa vaayrasii koroonaa dhaabbilee fayyaa garaagaraa keessatti laatamaa turuu itti aanaa hogganaan Biiroo Eeggumsa Fayyaa naannoo Afaar obbo Nuuruu Mahaammad ibsaniiru.
Guyyaa har’aa talaalliin marsaa 2ffaan eegalamuu himaniiru.
Sababa miidhaa gareen shororkeessaa ABUT dhaabbilee fayyaarratti qaqqabsiisee fi rakkoo nageenyaan iddoolee muraasatti talaalliin marsaa 2ffaa kun kan hin laatamne ta’uu beeksiisaniiru.
Godinaalee lama keessatti talaalliin kun har’aa eegalee guyyoota 10f namoota umriin isaanii waggaa 18 ol ta’an kuma 43 fi 218f kan laatamu ta’uu ibsaniiru.
Godinaalee hafan keessatti wayita haalli mijataan uumame kan kennamu ta’uus obbo Nuuruun dubataniiru.
Maddi:-TOI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment