Naannoo Afaaritti qonna ceesisuuf hojiileen sosochii ummataa hojjetamuu qabu jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 2, 2015 (FBC) – Naannoo Afaaritti wixinee karoora qonna ceesisuuf qophaa’eerratti qooda fudhattoota waliin mri’atameera.

Maricharratti Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee, Ministirri Ministeera Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Injinar Ayishaa Mahaammad, Pireezidaantii Naannoo Afaar Obbo Awwal Aarbaa dabalatee qooda fudhattoonni argamaniiru jedhame.

Hojiin misooma Beelladaa, miidhaanii, Qabeenyaa Uumamaa, Jallisaa fi Makaanaayizeeshinii Qonnaa dhimmoota karoora kana keessatti hammataman ta’uu eerameera.

Naannichatti qonna ceesisuuf hojiin sosochii ummataa bal’inaan hojjetamuu akka qabu ibsameera.

Karoora qabame milkeessuuf qooda fudhattoonni hundi ga’ee isaanii akka ba’an waamichi dhiyaateera.

Qabeenya naannichaa sirnaan fayyadamuun damicha salphaatti jijjiiruun kan danda’amu ta’uu ibsamuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment