Naannoo Afaaritti Muuziin yeroo gabaabaatti oomisha kennuu misoomaa jira

Finfinnee, Ebla 25, 2016 (FBC) – Naannoo Afaar Aanaalee garaagaraatti Muuziin yeroo gabaabaatti oomisha kennuu misoomaa jiraachuu Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa naannichaa ibseera.

Pireezidaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Aarbaan Muuzii Sanyii filatamaa aanaa Dubtiitti misoomaa jiru daawwataniiru.

Muuziin sanyii filatamaa kun lafa hektaara 20 irratti misoomaa jiraachuu TOI gabaaseera.

Sadarkaa naannichaatti Muuziin aanaalee Dubtii,Hanruukaa, Duuladaa fi Awaash Fantaaleetti misoomaa jiraachuu Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Ibraahiim Mahaammad himaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment