Naannoo Afaaritti manneen barnootaa sababa waliitti bu’iinsaan barnoota dhaabanii turan 368 hojii eegalan

Finfinnee, Guraandhala 3, 2015 (FBC) – Naannoo Afaaritti manneen barnootaa sababa waliitti bu’iinsaan barnoota dhaabanii turan 368 hojii eegaluu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Manneen barnootaa adeemsa baruu fi barsiisuu eegalan keessaa 358 manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa yoo ta’an, 10 ammoo manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa ta’uu eerameera.

Manneen barnootaa sababoota garaagaraan adeemsa baruu fi barsiisuu hin eegalle hojii eegalchiisuuf qorannoon qindoomina qabu gaggeeffamaa jiraachuu Ministeera Barnootaatti Hojii Raawwachiisaan Kominikeeshinii Amalewarq Hiziqi’eel Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment