Naannoo Afaaritti hiriirri haleellaa gareen ABUT raayyaa ittisa biyyarratti raawwate balaaleeffatu gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 3, 2013 (FBC) – Naannoo Afaaritti hiriirri haleellaa gareen ABUT raayyaa ittisa biyyarratti raawwate balaaleeffatu gaggeeffame.
Jiraattoonni Samaraa naannoo Loogiiyaa haleellaa gareen finxaaleyyii ABUT raayyaa ittisa biyyaa FDRI irratti raawwate balaaleeffachuuf hiriira gaggeessaniiru.
Hiriirichaan mootummaan tarkaanfii eegalee cimsee akka itti fufuu fi raayyaa ittisa biyyaa cinaa ta’uu isaanii ibsaniiru.
Hiriirtoonni kunneen haleellaa gareen ABUT raayyaa ittisa biyyaarratti raawwate dhaadannoo garaagaraan balaaleeffataniiru.
Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa ta’uu hiriirichaan ibsuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa naannoo Afaar irraa argame ni agarsiisa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment