Finfinnee, Muddee 10, 2014 (FBC) – Naannoo Afaaritti gareen shororkessaa ABUT bakkeewwan weeraree turetti qabeenya dhaabbilee barnootaa Birrii biiliyoona 1 olitti tilmaamamu barbadeessuu ibsame.
Ministirri Ministeera Barnootaa Proofeesar Biraanuu Naggaan damee barnootaarratti hoggantoota olaanoo naannoo Afaar waliin mari’ataniiru.
Gareen shororkeessaa ABUT naannichatti aanaalee 21 manneen barnootaa 759 keessatti barattoota kuma dhibba 1 fi kuma 50 ol barnootaan ala taasisuu ibsaniiru.
Manneen barnootaa 65 gare shororkeessaa kanaan guutumaan guutuutti barbadaa’uu fi manneen barnootaa 138rratti miidhaan qaqqabuu kaasaniiru.
Gareen shororkeessaan kun naannichatti sektera barnootaa dabalatee dhaabbilee garaagaraarratti miidhaa Birrii biiliyoona 10 olitti shallagamurratti qaqqabsiisuu isaa qorannoon mirkanaa’uu waltajjii marii kanaan ibsameera.
Maddi:- TOI
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.