Finfinnee, Waxabajjii 14, 2015 (FBC)- Naannoo Afaaritti baatiiwan 11’n darban galiin Birrii biiliyoona 3 ol walitti qabamuu Biiroon Galiiwwanii naannichaa beeksise.
Biirichi baatiiwwan 11’n darban Birrii biiliyoona 3 fi miiliyoona 195 ol waliitti qabuuf karoorfachuu eereera.
Hogganaan biirichaa Obbo Awwal Abduu akka ibsanitti, galiin Birrii biiliyoona 3 fi miiliyoona 104 fi kuma 422 walitti qabamuu miidiyaan naannichaa gabaaseera.
Raawwiin kunis kan bara darbeen yoo walbira qabamu %48 caalmaa argisiisuu dubbataniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.