Naannoo Afaaritti dhaabbileen fayyaa hawaasa miiliyoona walakkaa ol tajaajilaa turan barbadaa’uu ibsame

Finfinnee, Amajjii 19, 2014 (FBC) – Naannoo Afaaritti dhaabbileen Fayyaa hawaasa miiliyoona walakkaa ol tajaajilaa turan barbadaa’uu Biiroon Eeggumsa Fayyaa naannichaa beeksiise.
Gareen shororkeessaa ABUT aanaalee Naannichaa 14 weeraree ture keessatti miidhaa qaqqabsiisuu himeera.
Keellaawwan Fayyaa 52, Buufataaleen Fayyaa 21 fi Hospitaalli 1 guutumaa guutuutti barbadaa’uu Biirichi beeksiiseera.
Sababa kanaan jiraattoonni naannichaa dhibeewwan garaagaraaf saaxilamaa jiraachuu Hoggantaan Biiroo Eeggumsa Fayyaa naannichaa obbo Yaasiin Haabiin ibsaniiru.
Miidhaan Birrii biiliyoona 1.2tti tilmamaamu qaqqabu ibseera.
Hanga ammaatti dhaabbileen Fayyaa 14 hojiin deebisanii ijaaruu hojjetamuu Biirichi beeksiseera.
Jiraattoonni miiliyoonni walakkaa ol tajaajila yaala Fayyaan ala ta’uu isaanii kaasaniiru.
Ummanni naannichaa rakkoo fayyaa cimaaf osoo hin saaxilamin hojiin deebisanii ijaaruu saffisaan gaggeeffamuu akka qabu gaafataniiru.
Firihiyiwat Saffiitu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment