Naannoo Afaaritti bara barnootaa itti aanuuf galteewwan barnootaa guutuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Hagayya 9, 2015 (FBC) – Naannoo Afaaritti bara barnootaa 2016’f galteewwan fi bu’uuraalee misooma barnootaa guutuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Barnootaa naannichaa beeksiise.

Bara barnootaa 2016 barattoonni kumni 290 ol barsiisuuf karoorfamuu beeksiiseera.

Kitaabileen miiliyoonni 1.5 kan barbaachisu yoo ta’uu hanga ammaatti kitaabileen kumni 168 ol manneen barnootaaf raabsamuu himeera.

Dabalataan kitaabileen kumni 562 fi 633 maxxanfamuun baatii Fulbaanaa keessa kan raabsamu ta’uu hibseera.

Kan hafan baatii Fulbaanaa booda maxxanfamu jedhame.

Yohaannis Darribootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment