Naannoo Afaarii fi Amaaratti dhaabbilee miidhaman tajaajila eegalchiisuuf torbee kana qorannoon ni eegalama jedhame

Finfinnee, Qaammee 3, 2013 (FBC) – Naannoo Afaarii fi Amaaratti dhaabbilee miidhaman tajaajila eegalchiisuuf torbee kana qorannoon kan eegalamu ta’uu Koreen Ministirootaa Giddugala Qindeessa Yeroo Ariifachiisaa beeksiiseera.
 
Korichi walga’ii idilee torbee gageesseera.
 
Deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuun cinaatti dhaabbilee tajaajila ala ta’an hojii eegalchiisuuf ogeeyyiin torbee kana qorannoo kan eegalan ta’uu ibsaniiru.
 
Naannoo Afaarii fi Amaaraatti miidhaa dhaabbilee fayyaa, Barnootaa, Bishaan, Qonnaa, Geejjibbaa, Ijaarsaa, fi kanneen biroo ga’e tajaajilaa eegalchiisuuf qorannoon gaggeessuun kan eegalamu ta’uu ibsameera.
 
Miidhaa xinsammuu qaqqabeef ogeeyyiin fayyaa tajaajila akka laatan kallattiin kaa’amuu himameera.
 
Naannoo miidhaman deebisanii dhaabuuf dhaabbilee deeggartootaa waliin kan hojjetamu ta’uu korichi walga’ii idilee torbee gaggeesseen ibseera.
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment