Naannoo Afaar magaalota garaagaraatti mariin ummataa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Guraandhala 7, 2016 (FBC)- Mata duree “Obbolummaa sabdaneessummaa nageenya waaraa fi badhaadhina hunda galeessaaf” jedhuun waltajjiin marii ummtaa Magaalota Naannoo Afaaritti gaggeeffamaa jira.
 
Marii Magaalaa Samaraatti Gaggeeffamaa jirurratti Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Dooktar Alamuu Sime, Pireezidaantii Ittaanaa Naannoo Gaambeellaa Taankuwaayi Jook, Akkasumaas Pireezidaantii Ittaanaa Naannoo Afaar Elamaa Abubakar kan hogganaan ta’uun ibsameera.
 
Maricharratti qondaaltota mootummaa federaalaa fi naannichaa, invastaroota, abbootii amantaalee, jaarsolii biyyaa akkasumas kutaaleen hawaasaa garaagaraa fi jiraattoonni magaalichaa hirmaachaa jiru.
 
Marichis Magaalotaa Samaraa, Loogiyaa fi Asaayittaatti kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.
 
Taarikuu Waldasanbatitu gabaase.
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment