Naannon Gaambeellaa sirreeffamtoota seeraa 81f dhiifama godhe

Finfinnee, Bitootessa 29, 2012 (FBC) – Naannon Gaambeellaa sirreeffamtoota seeraa 81f dhiifama godhe.

Naannichi sirreeffamtoota kanneenif dhiifama kan godhe tamsa’ina vaayrasii koroonaa sababeeffachuudhani.

Abbaan Alangee naannichaa akka beeksisetti sirreeffamtoonni dhiifamni taasifameef, yakka salphaadhan amma waggaa 3 kan itti murtaa’ee turee fi yeroon amaakkiroo isaanii kan ga’eefidha.

Dabalataan beellamaan mana sirreessaa keessa kan turan 88 ammoo wabiidhan akka gadhiifaman murtaa’era.

Comments (0)
Add Comment