Finfinnee, Waxabajjii 2, 2015 (FBC)- Naannoo Amaaraatti biqiltuuwwan biiliyoonaa 1.5 dhaabuuf qophii taasisuu Biiroon Qonnaa Naannichaa beeksise.
Naannichatti biqiltuuwwaan biiliyoona 1.6 dhaabuuf karoorfamee biqiltuuwwan biiliyoona 1.5 qophaa’uun ibsameera.
Dabalataan boolli biqiltuun keessaa dhaabamu miiliyoonni 600 qophaa’eera.
Biqiltuuwwan dhaabamanis gabbinaa biyyee eeguuf, qabeenyaa kan argamsiisanii fi nyaataaf kan oolan ta’uu ragaan kominikeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.
Haaluma walfakkaatuun Naannoo Ummatoota Kibba-Lixaa Ityoophiyaatti biqlituuwwan miiliyoona 120 ol akka dhaabaman ibsameera.
Hogganaan Biiroo Bosonaa, Eegumsa Naannwaa fi Jijjiiraama Qabeenya Qilleensaa Dooktara Asiraat Gabiramaariyaam, sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaan biqiltuuwwan miiliyoona 120 ol akka dhaabamanii fi kanaafis qophiin barbaachisan taasifamuu himaniiru.
Guyyaa tokkottis biqil tuuwwan miiliyoona 15 ol kan dhaabaman ta’u ibsaniiru.
Biqiltuu dhaabuun cinaattis, biqiltuuwwan duraan dhaabaman sadarkaa latiinsa isaanii hordofuuf xiyyeeffannaan kennamuu eeruun, hanga ammaattis biqituuwwan dhabaman keessaa %84 latuu himaniiru.
Tasfaayee Mirreessaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.