Naannoleen garaagaraa sirreeffamtoota seeraaf dhiifama taasisan

Finfinnee, Qaammee 5, 2014 (FBC) –Mootummaan Naannoo Kibbaa bara haaraa sababeeffachuun sirreeffamtoota seeraa kuma 1 fi 445 dhiifama taasisuu Biiroon Haqaa Naannichaa beeksiseera.
 
Itti Gaafatamaan biirichaa Obbo Sofoniyaas Dastaa akka jedhanitti, boordii dhiifamaa naannichaan, bu’uura qajeelfamaa fi dambiitiin pireezidaantii naannichaaf kanneen dhiyaatan sirreeffamtoota seeraa manneen amala sirreessaa 15’tti argaman kuma 1 fi 445’f dhiifamni taasifameera.
 
Kana malees, sirreeffamtoota seeraa 21‘f turtiin yeroo sirreeffamaa akka hir’ateef ibsan.
 
Akkasumas, Naannoon Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa, bara haaraa sababeeffachuun sirreeffamtoonni seeraa 791 dhiifamaan akka gadi dhiifaman murteesseera.
 
Kanneen dhiifamni taasifameef 802 keessaa 791 ulaagaa dhiifamaa kanneen guutanii gadi dhiifaman yoo ta’u, 11 ammoo turtiin yeroo sirreeffamaa hir’ateeraaf jedhame.
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
 
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
 
 
Comments (0)
Add Comment