Naannoleen garaagaraa rakkoo Naannoo Amaaraatti mudate furuuf tattaafii taasifamu kan tumsan ta’uu ibsan

Finfinnee, Hagayya 1, 2015 (FBC)- Naannooleen Sabaa fi Sabalammoota Ummatoota Kibbaa, Beenishaangul Gumuz, Hararii, Somaalee, Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa, Sidaamaa, Afaarii fi Magaalaan Dirree Dhawaa ibsa haala yeroorratti baasaniin duula jibbiinsaa Raayyaa Ittisa Biyyaarratti baname waloon balaaleffachuu qabna jedhaniiru.

Naannoo Amaaraatti garee “Jawusaa” sochiin taasisaa jiru ummataa naannichaa rakkisuuf humna uumamee malee ummataa naannichaa kan bakka hinbuune hubachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Rakkoolee mudatan mariin furmaata kennuun mallattoo qaroominaa ta’uu eeruun, qabsoo hidhannoo filmaataa ijoo taasifachuun gaaffiin deebii argatuu akka hinjirre ibsaniiru.

Humni afaan qawwee filatee socho’aa jiruu rakkoo ummataa naannichaa daran kan dabalu malee Ummata Naannoo Amaaraa kan bakka bu’u akka hintaane naannoleen kunneen ibsaniiru.

Lammiileen Ityoophiyaa kamuu keessumaa Ummanni Naannoo Amaaraa asxaa tokkumma kan ta’e Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa dhaabbachuun, yeroo ammaa naannichatti qormaata mudate dhaabuun, imala badhaadhinaa eegalamee haala amansiisan itti fufsiisuun murteessa ta’uu beeksisera.

Mootummaa fi ummanni naannoolee kanneenii mootumma federaalaa fi Ummata Naannoo Amaaraa cinaa dhaabbachuun humna biyya diigurratti qabsaa’uuf qophii ta’uu isaanii ibsa baasaniin mirkaneessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment