Finfinnee, Waxabajjii 26, 2015 (FBC)- Abbootii qabeenyaa ulaagaa guutaniif filmaatawwan invastimantii bu’aa qabeessaa fi mijataa qopheessuu naannolee Oromiyaa, Sidaamaa fi Magaalaan Dirree Dhawaa beeksisan.
Abbootiin qabeenyaas hojiilee invastimantiirratti akka bobba’aniif waamicha dhiyeessaniiru.
Biiroo Invastimantii fi Indaastirii Oromiyaatti Daayrektarri Pooteenshaalaa fi Piromooshinii Siyyum Moosisaa, naannichatti damee qonnaa fi misooma beeyladaan humni olaanaan jiraatullee bal’inaan irratti hinhojjetamne jedhan.
Hanaga ammaattis filmaatawwan invastimantii %90 abbootii qabeenya biyya keessaan kan qabamee jiru ta’uu himan.
Abbootii qabeenyaa biyya alaa hawachuufis hojmaataa ammayyaa’aa fi teeknooloojiiwwan garaagaraa hojiirraa oolchaa jiraachuu eeraniiru.
Koomishinii Invastimatii Naannoo Sidaamaatti Daayrektarrii Eeyyamaa, Odeeffannoo Fi Piromooshinii Taarikuu Roobaa gama isaaniin, naannichatti qabeenyi umamaa qonnaa fi qindeessa qonnaaf oolan mijatan jiraachuu himaniiru.
Dursaan Garee Qorannoo fi Piromooshinii Biiroo Invastimantii Dirree Dhawaa Abarraa Mangisteen gama isaaniin, abbootiin qabeenyaa damee maanufaakchariingii fi tajaajilaa irratti akka bobba’an waamicha dhiyeessaniiru.
Abbootii qabeenyaa ulaagaa guutaniifis pirojektootaa 31 adda baasuun qopheessuu akeekaniiru.
Lafa invastimantii fudhatanii gara hojiitti kanneen hinseenne irrattis tarkanfii fudhachuun kanneen misoomsuu danda’aniif dabarsaa jiraachuu ibsaniiru.
Maartaa Geetaachootu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.