Finfinnee, Mudde 23, 2017 (FMC) –Naannolee Oromiyaafi Benishaangul Gumuzitti nagaa waaraa fiduuf hojiin qindoominaan hojjetame bu’aa galmeessuu ibsameera.
Ummanni naannolee lamaanii aadaa, duudhaafi hariiroo hawaas-diinagdeetiin tokko ta’e bara dheeraa kan waliin jiraachaa jiru ta’uu Itti Gaafatamaan Biiroo Ijaarsa Nageenyaa fi Nageenyaa naannichaa Biiniyaam Mangashaan himaniiru.
Aanaaleefi gandootni naannolee ollaa wal daangessan qindoominaan humnoota farreen nagaa naannoo daangaatti socho’anirratti tarkaanfii fudhachuun nageenya waaraa mirkaneessuuf hojjetamaa turuu eeraniiru.
Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaafi Hoogganaan Damee Ittisaafi Hiikkaa Walitti Bu’insaa Obbo Hayilee Gurmeessaa gama isaanitiin, naannolee lamaanitti fayyadamummaa waloo mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu kaasaniiru.
Keessattuu, Obbolummaafi fi tokkummaa ummata naannoo ollaa jiraatu cimsuuf hojiin nagaa ijaaruu hojjetamaa turuu Obbo Hayileen eeraniiru ragaan Biiroo Bulchinsaafi Nageenya Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.