Naannolee garaagaraatti qormaanni naannoo kutaa 8ffaa laatamuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Naannolee garaagaraatti qormaanni naannoo kutaa 8ffaa laatamuu eegaleera.

Itti Aanaan Pireezidaantii fi Hogganaan Biiroo Barnootaa naannoo Sidaamaa Obbo Bayyanaa Raasuun qormaanni naannoo kutaa 8ffaa har’a eegale guyyoota sadan itti aananiif kan laatamu ta’uu eeraniiru.

Obbo Bayyanaa magaalaa Balaakuu Mana Barumsaa sadarkaa jalqabaa Shoonidoolootti argamuun eegalamuu qormaatichaa ilaalaniiru. Naannichatti manneen barnootaa 774 keessatti qormaanni kun kennamuu eegaluu ibsuun, barattoonni kumni 81 fi 800 qoramaata fudhachaa jiraachuus kaasaniiru.

Bifuma walfakkaatuun naannoo Amaaraatti barattoota kuma dhibba 3 fi kuma 59 oliif qormaanni kutaa 8ffaa kennamuu eegaluu Biiroon Barnootaa naannichaa beeksiseera.

Naannoo Somaaleettis qormaatichi barattoota kuma 45 fi 931’f kennamaa jiraachuu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment