Naannolee garaagaraatti hiriirri gidduu seentummaa alaa mormuu borurraa eegalee ni gaggeeffama

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2015 (FBC)– Naannolee garaagaraatti hiriirri dhiibbaa fi gidduu seentummaa alaa mormuu boru irraa eegalee ni gaggeeffama.

Haaluma kanaan, Naannoo Oromiyaa, Sidaamaa fi Gaambeellaatti guyyaa borii kan gaggeeffamu yoo ta’uu Naannoo Amaaraatti Dilbata dhufu akka gaggeeffamu beeksisaniiru.

Hiriirichi birmadummaa Ityoophiyaarratti dhiibbaa diinotaa keessaa fi alaan taasifamuu fi giddu seentummaan kamiyyuu fudhatama akka hinqabne uummanni naannolee mootummaa cinaa jiraachuu argisiisuuf ta’uun ibsameera.

Hawaasni naannolees bifa gurmaa’een hiriiricharratti hirmaachuun giddu seentummaa biyyoota Lixaa balaaleffachuuf dammaqinaan bahee hirmaachuu akka qabu waamichi dhiyaateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment