Naannolee filannoo muraasaatti guyyaa filannoo waliigalaa  filannoon hin  gaggeeffamu jedhame

Finfinnee, Caamsaa 14, 2013 (FBC)  – Naannolee filannoo muraasaatti guyyaa filannoo  waliigalaa gaggeeffamu filannoon kan  hin  gaggeeffamne ta’uu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksiise.

Sababoota garaagaraan naannolee filannoo muraasaatti guyyaa filannoo waliigalaa gaggeeffamu Waxabajjii 14, 2013  filannoon kan  hin  gaggeeffamne ta’uu boordichi ibseera.

Haaluma kanaan  naannoo Oromiyaa naannolee filannoo 7 irratti, naannoo Amaaraa naannolee filannoo 8, Somaalee  naannolee filannoo 14, Beenishaanguul Guumuuz  naannolee filannoo 4 irraatti Waxabajjii 14, 2013 filannoon kan  hin  gaggeeffamne  ta’uu himameera.

Dabalataan naannoo Kibbaatti naannolee filannoo 4  fi  Hararii naannolee filannoo 3 irratti Waxabajjii 14, 2013 filannoon kan  hin  gaggeeffamne  ta’uu boordichi ibseera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment