Naannolee fi dhaabbileen garaagaraa Raayyaa Ittisaaf deeggarsa taasiisan

Finfinnee, Fulbaana 4, 2015 (FBC) – Naannolee fi dhaabbilee garaagaraa Raayyaa Ittisaaf deeggarsa akaakuu fi maallaqaa taasiisaniiru.

Waajjirri Muummee Ministiraa fi dhaabbileen waamamtootaa, Naannoon Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa fi Dhaabbanni Dhiyeessa Boba’aa maallaqa, Sangootaa fi meeshaalee biroo deeggarsa taasiisaniiru.

Naannoon Ummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaan deeggarsa akaakuu Birrii miiliyoona 26 fi Waajjirri Muummee Ministiraa Birrii miiliyoona 90.8tti tilmaamamu deeggarsa taasiisaniiru.

Dhaabbanni Dhiyeessa Boba’aas Birrii miiliyoona 2 deeggarsa taasiiseera.

Ministir Deetaan Ministeera Raayyaa Ittisaa Aadde Maartaa Luuwiijiin deeggarsa qaamoleen kunneen taasiisaniif galateeffataniiru.

Wandimmuu Addunyaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment