Naannolee afuritti pirojektiin fayyaa haadholii Birrii biiliyoona 2 oliin gaggeeffamaa ture xumurame

Finfinnee, Guraandhala 28, 2015 (FBC)-Dhaabbanni Gargaarsaa Ameerikaa ‘USAID’ naannolee Afaar, Beenishaangulgumuz, Gaambeellaa fi Somaaleettii pirojektii fayyaa haadhollii Birri biiliyoona 2 oliin (Doolaara miiliyonaa 37.5) gaggeessaa ture xumuruu beeksise.

Dhaabbatichi ibsa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif ergeen akka beeksisetti, pirojektichi bara 2017 kan eegalee yoo ta’u, eegumsa fayyaa haadholii fi daa’imman reef dhalataniirratti hojjechaa tureera.

Baajata Pirojektichaa keessaa Birrii miiliyoonni 145 eegumsa fayyaa naannawaa balaa umamaa tasaa umameetti, akkasumas dhimmoota arifachiisaa akka COVID-19, hongee, lolaa fi naannawaa walitti bu’iinsi umaameetti, deeggarsaa fayyaa hatattamaaf kan oole ta’uun himameera.

Kana malees talaallii vaayirasii koroonaa doolaaraa miiliyoona 4.8tti ttilamaamu qaqqabsiisuun danda’ameera jedhame.

Pirojektichi walta’iinsa Ministeeraa Fayyaa Ityoophiyaa fi faawundeeshinii wal’aansaa fi qorannoo fayyaa Afrikaa ‘Amref African Health’ jedhamuun gaggeeffamaa turuun ibsameera.

Haaluma kanaan fayyaan haadholii fi daa’immanii naannolee kanneenii foyya’iinsa argisiisuun eerameera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment