Naannichi Warqee kiiloo giraama 548 ol Baankii Biyyaalessaaf dhiyeesse

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2017 (FBC )- Baatiiwwan sadan jalqabaa bara baajataa 2017’tti Naannoon Beenishaangul Gumuz albuuda Warqee kiiloo giraama 548 ol Baankii Biyyaalessa dhiyeesse.

Hogganaan Biiroo Misooma Qabeenya Albuudaa Naannichaa Obbo Admaasuu Moorkaa akka ibsanitti kurmaana jalqabaa bara baajataa kanatti Warqee kiiloo giraamaa 400 dhiyeessuuf karoorfame keessaa kiiloo giraamni 548.66 Baankii Biyyaalessaaf dhiyaateera.

Bu’aan damichaan galmaa’e fooyya’iinsa diingdee gooroo taasifame hordofee hojmaataa daldalaa fooyya’een carraa gaarii uumame ta’uu kaasuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment