Naannichi waraana gareen shororkeessaa ABUT bane qolachuuf deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu ibse

Finfinnee, Hagayya 22, 2014 (FBC) – Naannoon Hararii waraana gareen shororkeessaa bane qolachuuf deeggarsa barbaachisaa ta’e hunda taasisuuf qophii ta’uu ibseera.

Manni Maree Nageenyaa naannichaa haala nageenyaa naannawaarratti mari’achuun ibsa baaseera.

Manni marichaa hojiileen nageenyaafi tasgabbii naannichatti hojjetaman bu’aa qabeessa ta’uu isaa gamaaggamuu eerameera.

Yeroo itti aanutti naannichatti olaantummaa seeraa kabachiisuuf uummata waliin qindoomuun hojiin eegalame cimee kan itti fufu ta’a jedhame.

Manni marichaa uummanni naannichaa akkuma kaleessaa humna nageenyaa waliin ta’uun naannoo isaa dammaqinaan akka eeguufi nageenyaaf waardiyyummaa akka dhaabbatu waamicha dhiyeesseera.

Gareen shororkeessaa ABUT qophaa’ummaa mootummaan federaalaa nageenyaaf agarsiiseefi waamicha garechaaf taasise garichi cinaatti dhiisuun waraana banuun dargaggoota Tigraay waraanaatti bobbaasaa jiraachuufi naannoo ollaarratti haleellaa raawwachaa jiraachuu ibseera.

Manni Maree Nageenyaa naannichaa kutannoo mootummaan federaalaa nageenyaaf argisiiseefi tarkaanfiiwwan qabatamaa ta’an guutummaan guutuutti deeggaruun akkuma jirutti ta’ee waraana garichi bane qolachuuf deeggarsa barbaachisu hunda taasisuuf qophii ta’uu eereera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment