Naannichi gurgurtaa Kitaaba Dhaloota Ida’amuu irraa Birrii miiliyoona75 ol walitti qabuun ibse

Finfinnee, Eebla 4, 2015(FBC)- Naannoo Uuummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaatti gurgurtaa Kitaaba Dhaloota Ida’amuurraa Birriin miiliyoonni 75 ol walitti qabamuu ibsame.

Itti Aanaan Pireezidaantii Naannichaa Dooktar Injinar Nagaash waageshoon, gurgurtaa kitaaba Dhaloota Ida’amuu irraa Birrii miiliyoona 300 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Galiin gurgurtaa kitaabicharraa argamu ijarsa mana kitaabaaf kan ooluu ta’uu ibsuun, hawaasni naannicha hojii gaarii kanaaf bittaa kitaabichaarratti akka hirmaatuu gaafachuu ragaan kominikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment