Naannichi gaaffilee ummataa deebisuuf karoora baatiwwan sadii qopheessee hojiitti galuu beeksiise

Finfinnee, Eebila 5, 2014 (FBC) – Naannoon Beenishaangul Gumuz gaaffilee ummataa deebisuuf karoora baatiwwan sadii qopheessuun gara hojiitti galuuu beeksise.
Naannoon Beenishaangul Gumuz gaaffilee ummataa deebisuuf karoora baatiwwan sadii qopheessee gara hojiitti seenuu Hogganaan Paartii Badhaadhinaa Naannichaa,obbo Yisahaaq Abdilqaadir ibsaniiru.
Naannichi kallattii yaa’iin paartii badhaadhinaa kaa’e irratti ummata waliin mari’achuun gaaffilee ummanni gaafate deebisuuf karoora baatiwwan sadii qopheessuun gara hojiitti galuu obbo Yisahaaq kaasaaniiru.
Naannichatti ijaarsi hidha haaromsaa kan hojjetamu waan ta’eef humnoonni farreen nageenyaa ijaarsicha akka hin gufachiifneef xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus himuu isaanii DhPI gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment