Naannichi buna toonii kuma 40 ol gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuu beeksise

Finfinnee, hagayya 7, 2015(FBC)- Naannoon Kibba-Lixa Ityoophiyaa bara baajataa 2015 lafa heektaara kuma 560 irratti buna misoomsuun oomishicha toonii kuma 40 ol gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuu beeksise.

Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii naannichaa akka ibsetti, bara baajataa darbeetti buna hindhiqamin toonii kuma 46 fi 409 fi kan dhiqame kuma 18 fi kuma 187 ol waliigalaan bunaa toonii kuma 64 fi 596 ol gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuuf karoorfamee hojechaa tureera.

Haaluma kanaan, waliin buna hindhiqamne toonii kuma 29 fi qabxii 573 ol, buna dhiqame toonii kuma 13 fi 38, waliigalan buna toonii kuma 42 fi 611 gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuun karoorichaa %65 milkeessuu ibsaniiru.

Itti Aanaan Daayreektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa fi Itti Gaafatamaan Damee Misoomaa fi Kunuunsa Bunaa, Shaayii fi Mi’eessituuwwanii obbo Ato Balaay Koju’ab Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetitti akka himanitti, raawwichi kan bara baajataa darbeen waliin walbira yoo qabamu gadi bu’eera.

Gatiin bunaa gabaa idil-addunyaatti jeeqamuu, mana dhuunfaa keessatti bunni kuufamuu fi wiirtuuwwan mirkaneessaa qorannoo bunaa irraa fagaachuun raawwiichi gadi bu’uuf sababa ta’uu eeraniiru.

Bara baajataa kanatti naannichi lafa heektaara kuma 585 fi 19 irratti buna misoomsuun gabaa giddugaleessaaf toonii kuma 67 fi 340 dhiyeessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Feeven Bishaawutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment