Naannichi Buna meetirik toonii kuma 54 fi 795 gabaa giddugaleessaaf dhiyeesse

Finfinnee, Adoolessa 5, 2016 (FBC)-Naannoon Kibbaa Lixa Itiyoophiyaa bara baajataa xumurametti Buna dhiqamaa fi hindhiqamin meetirik toonii kuma 54 fi 795 gabaa giddugaleessaaf dhiyeesseera.

Raawwiin kun bara baajataa darbe yeroo walfakkaataan yoo walbira qabamu %28 daballii argisiisuu Pireezidaantiin Naannichaa Dooktar Injiinar Nagaash Wageeshoon gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin beeksisaniiru.

Oyiruurratti kunuunsi bunaa cimuu, giddugalli sertifikeeshinii fi dhandhammii Bunaa naannichaa hojii eegaluu, to’annoon kontirobaandii cimuu akkasumas gufuulee adeemsa daldalaa keessatti mudataa turan furamuun, guddina oomishichaaf gumaachuu ibsaniiru.

Bara baajataa 2017’ttis buna qulqullina isaa eeggate gabaa giddugaleessaaf dhiyeessuuf xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment