Naannichi bara darbe Abbootii Qabeenyaa Kaappitaala Birrii biiliyoona 178 ol galmeessaniif eeyyama Invastimantii kennuu beeksise

Finfinnee, Adoolessa 28, 2014 (FBC) – Naannoo Oromiyaa bara baajataa xumurame Abbootii Qabeenyaa Kaappitaala Birrii biiliyoona 178 ol galmeessaniif eeyyama Invastimantii kennuu sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastera magaaloota naannichaa Obbo Addisuu Araggaan ibsaniiru.
Naannichi bara baajataa xumurameetti yaa’iinsa Invastimantii fooyya’aa keessummeessuu Obbo Addisuun eeraniiru.
Abbootii Qabeenyaa kuma 3 fi 583 kaappitaala Birrii biiliyoona dhibba 1 fi biiliyyona 78.8 galmeessaniif eeyyamni Invastimantii laatamuu himaniiru.
Abbootiin Qabeenyaa kunneen dameewwan Maanuufaakcheriingii, Qindeessa Oomisha Qonnaa, Ijaarsaa, Hoteelaa fi Turizimii, Albuudaa fi misooma Bunaarratti kan bobba’an ta’uu ibsameera.
Hojii Dhaabeeyyii kuma dhibba 5 fi kuma 34 oliif carraa hojii uumuu isaaniis himaniiru.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment